Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Godina Baha Wallaggaatti Hojjattoonni Mootummaa  fi Jiraattoonni Magaalaa Walgahii Ergamtootaa Fashalsan, barattoonnis diddaa mul’isan.

(Maddda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 17,2009) MOA Wallagga irraa akka addeessutti godina Baha Wallaggaa Onoota Limmuu Galiila, Harroo Limmuu fi Eebantuutti lukkeewwan Wayyaanee torbaan dabre keessa Barsiisota, Hojjattoota Misoomaa akkasumas qaama hawaasaa jiraattoota magaalaa garaa garaa walitti qabuun yaaliin deeggarsa irraa argachuuf godhan jalaa fashaleera.

Ergamtoonni Wayyaanee waltajjii kana irratti dhaabota siyaasaa biyyattii keessa jiranii fi ABO dhabamsiifna nu faana dhaabbadhaa jechuun wayita lallaban hirmaattooni walgahichaa ifatti mormii agarsisuun walgahicha fashalsan.

Oduudhuma wal qabatee nu gaheen barattoonni naannichaas ajjeechaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Geedootti barataa Oromoo Wandimmuu Daammanaa irratti raawwatame mormuudhaan, fincila guddaa kaasuun hubatameera.

Gochaa yeroo ammoo dhaabbilee barnootaa garaa garaa keessatti barattoota Oromoo irratti raawwamuu fi maqaa saba Oromoo xureessu cimsanii balaaleffataa jiran. Qaamni wayyaanee barataa Oromoo irratti ajjeechaa raawwatee fi kanneen barattoota Oromoo biroo irratti tarkaanfii reebichaa fudhatan seeratti akka dhiihatanis gaafatanii jiru.

Mormiin barattoota Oromoo kun gara dhaabbilee barmootaa olaanoo fi sad.2ffaa gara garaatti babal’ataa jiraachuunis beekameera.

******* 

Ajjeechaa mana barumsaa Geedootti Barataa Oromoo Wandimmuu Daammaanaa irratti raawwatame kan balaaleffatan tahuu Sab-boontonni Oromoo Maadhee Buruksaa Diinaa jalatti gurmaa’an beeksisan.

(Maddda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 17,2009) Sabboontotni Oromoo kunniin gocha farrummaa wayyaanee irratti marii godhatanii ibsa ejjennoo baafataniin, ajjeechaa mootummichi mana barumsa Geedoo keessatti barataa Oromoo irratti raawwate cimsanii balaaleffatan.  Reebichaa fi hiraa barattoota Oromoo Yuniversity Baar-Daar irratti raawwatamee fi Gochaa maqaa xureessii Yuniversity Hawaasaatti tarkaanfates jabeessanii balaaleffatan.

Dabballootni Wayyaanee gochaa fokkataa kana ummata Oromoo irratti raawwatanii fi kanneen barattoota irratti tarkaanfii diinummaa fudhatan martuu akka seeraaf dhiyaatanis gaafataniiru.

Sirni abbaa irree Wayyaanee shira ilmaan Oromoo fi saboota cunqurfamoo biroo maqaa amantii fi kan birootiin walitti busuuf xaxu hatattamaan akka dhaabus akeekkachiisanii, shira wayyaaneedhaan qindeeffamu kamuu jala bu’anii fashalsuuf kan hojjetan ta’uu beeksisan.

Xumura irratti sabboontotni Oromoo maadhee Buruksaa Diinaa, Oromoon saba guddaa adaa bal’aa qabu, kan jaalalaa fi nageenyaan saboota biyyattiis ta'ee olloota isaa waliin jiraachaa turee fi ammaas itti jiru fuul-duras jiraatu ta'uu hubachiisaa, saboonni cunqurafamoo biyyattiis shira Wayyaanotaan xaxamu kana dura akka dhaabbatan waamicha dhiheessaniif.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net